Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Leenjii Ogummaa Dijitaalessuu Marsaa Jalqabaa Kennuu Jalqabee jira.

Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Tajaajiloota Ijoo (Front line Service) gara “onlie”tti fiduudhaan hawaasni tajaajila si’ataa, qulqulluu fi haqa qabeessa ta’e akka argatu taasisuuf  Sadaasa 20-22/2016 irra jalqabee  Magaalaa Adaamaatti leenjii marsaa jalqabaa Mata duree “Digitalization and Effective Comunication” jedhu irratti Ogeessota ICT fi Komunikeeshiinii Dhaabbilee Tajiila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Magaalota kudha shaniitiif (15)f  kennuu jalqabee jira.

kaayyoon leenjichaa:-

  • Hawaasni tajaajila si’ataa, qulqulluu fi haqa qabeessa ta’e akka argatu taasisuu.
  • Rakkoo kenna Tajaajilaa xiqqeessuudhaan itti quufinsaa fi amantaa hawaasni seektara bishaanii fi inarjii irratti qabu akka dabalu taasisuu fi
  • Haala qabiinsa ragaa hammayyeessuu fi adeemsa hojii salphisuudha.

leenjiin kun Dhaabbilee Tajaajila Bishaan dhugaatii fi Dhangala’aa hafaniifis dhawaataan kan kennamu yoo ta’u,  hubannoo fi dandeetti hojiiwwan “digitization, Digitalization fi Digital Transformation” irratti ogeessonni qaban ni gabbisa.

Gama biraatiin siistamoota Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa hojii irra oolchee fi hojii irra oolchuudhaaf hojjachaa jiru kan akka Website, Video Confrance, HRMS (ICSMIS), EGP (Electronic gov’t procurement), PMS (Project Mgt System), PMS (Property Mgt System), WSFMIS (Water Service Facility Mgt Information System), DMS (Docment Mgt System), Attendance Machine, M water, LAN, Billing System, E-Tax, Cash Book fi …kkfn walqabatee jiru kan dabalu waan ta’eef rakkoowwan kenna tajaajilaa gama Seektara Bishaanii fi Inarjiitiin jiran hiikuu keessatti shoora ol’aanaa qaba.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *